MUHAAMMAD RAAJII WAAQAYYOO ISA DHUGAA DHAA?


BAAFATA

SEENSA

1)    Barsiisaa fi sakkoo/naamusa jireenya hafuuraa  Muhaammad

A, Muhaammadii fi waaqeffannaa waaqa-tolfamaa

B, Muhaammad soba barsiiseera

C, Muhaammad ejja raawwateera

D, Ejja Jennata-Eden keessatti

E, Ajjeechaa fi ijaa-baafatnaa Muhaammad mormitoota isaa irratti raawwate

F, Muhaammad waa’ee fayyina ofii isaatii fi waa’ee waaqa isa itti amanuu nama shakkii qabu ture

G,Ilaalcha Muhaammad waa’ee dubartootaaf qabu

H, Mul’atni Muhaammad argadhe jedhe eessaati?  Yaada mataa isaatiiti moo? Waaqayyo bira moo? Seexana biraa turee?

I, Tolchaa fi Xibaaraan miidhamuu Muhaammad

2, Raajii  Muhaammad keessaa kanneen hin barreeffamin

  • Goolaba (Conclusion)
  • Yaadannoo miil-jalee (Foot-Notes)

 

SEENSA

Islaamummaan jaarraa 7ffaa keessatti ani raajiidha ofiin jechuudhaan, kan ka’e Muhaammadiin deggeruudhaan Kiristiyaanummaa fi Macaafa qulqulluun erga mormuu eegalee baroota lakkoobsiseera. Hordoftootni isaa ilaalcha dogoggoraa kiristiyaanota irratti qaban akka hubatan taasisuuf , akkasumas ilaalcha waa’ee Islaamummaaf qabnu ifa taasisuuf madda Islaamummaa kan ta’e waa’ee eenyummaa Muhaammad qorachuun dirqama. Muhaammad Islaamummaa nama bu’uuresse yeroo ta’u, hordoftootni isaas akka raajiitti isa amanu. Barreeffama kana keessatti Muhaammad dhugumaan “Raajii dhugaa dhaa” isa jedhu madaallee ilaalla.

Waaqayyo hafuuraa fi raajota gara keenya dhufan kan isa(Waaqayyo) biraa ergaman ta’uu isaanii jireenya isaaniitiin, firii isaan kennaniin, akkasumas wantoota madaalamuu qabu hundaan qorree akka ilaalluuf nu abboomeera(Maat. 7:15-16 fi 24: 24-25, 1Tasa. 5:19-22, 1Yoh. 4:1, 2Qor. 11:14).

Waaqayyo raajota kaasee erguu akka danda’u  Kiristiyaanotni waan amananiif Muhaammad raajii Waaqayyoo ta’ee ka’uuf  carraa hin qabu ture hin jetnu-kana jechuun garuu namni kamiyyuu raajii ta’uu Muhaammad callisee fudhachuu qaba jechuu miti. Akkas  yoo ta’e garu gowwomfamuu fi abboomamuu diduu dha. Raajotni Waaqayyo biraa ta’uu fi dhiisuu isaanii akka qorree ilaalluuf abboomamneerra.  Kanaaf Muhaammad raajii dhugaa ykn raajii sobaa ta’uu isaa qorree ilaaluun nuuf ta’a.

 

Barreeffama kana keessatti barumsa Muhaammad barsiise, gochoota inni raawwate, akkasumas raajii inni dubbate Quraana keessaa, Hadisii(Kitaaba gochaaawwan Muhaammad raawwatee fi dubbii inni dubbate kan keessatti barreeffamee dha.) fi  caaffata  waa’ee  seenaa  jireenya Muhaammad dubbatu Macaafa qulqulluu waliin wal-bira qabuudhaan Muhaammad raajii maalii  akka ta’e qoratna. 

 

MUHAAMMAD RAAJII WAAQAYYOO ISA DHUGAA DHAA?

  1,    Barsiisaa fi sakkoo/naamusa jireenya hafuuraa  Muhaammad.

Quraanni caaffata  macaafota Yihudootaa fi kiristiyaanotaa  mirkaneessu akka ta’e dubbachuudhaan, Muhaammadis deemsa isaan raajota dhugaa akka hordofe dubbata. Haa ta’u malee garuu dhugumaan  Quraanni caaffata Macaafa qulqulluu mirkaneessuu dhaa? Dhugumaan  Muhaammadis raajota dhugaa hordofeeraa?

Quraanni Suura/Boqonnaa 4:47  keessatti “ Kan duratti isin bira jiru kan mirkaneessu isa ta’e Quraanatti amanaa” jedha. Suura/ Boqonnaa 10:37 keessatti waa’ee Quraanaa yeroo dubbatu “ Isa dura kan ture( Caaffata qulqul’aa’aa) kan mirkaneessuu fi waan caaffaticha keessa jiru kan ibsu, isatti shakkii kan hin qabne yeroo ta’u Gooftaa addunyaa kanaa biraa kan ergameedha. Suuraa/Boqonnaa 10:94 keessatti immoo “ isa gara keetti gad-bu’e kana kan shakkitu yoo taate, warren  si dursanii Caaffata qulqul’aa’aa sana dubbisan gaafadhu. Suura/Boqonnaa 16:123 keessatti immoo “ Amantiin Ibraahim sirrii waan ta’eef isa hordof” jedha. Akkasumas Suura 27:76, 4:136, 2:285, 43:43-45, 6:89-90, 42:15 dubbisi

Akka luqqisii Quraanaa armaan oliitti ergaanii fi hojiin Muhaammad raajota dhugaa isa dura turan waliin wal-fudhachuu /simuu qaba. Muhaammad hordoftootni isaa akka fakkeenya isaa fudhataniif barsiiseera. Garuu Muhaammad sakkoo/naamusa jireenya hafuuraa gaarii qaba turee? Quraanni Suura 3:31 keessatti “ Itti dubbadhu! Allaa kan jaal’attan yoo taatan na duukaa bu’aa, Allaan isin jaal’ataati” Suura 33:21 keessatti immoo “ nama Allaa fi guyyaa dhumaa sana hawwuuf, akasumas Allaa karaa hedduu kan kaasu ergamaa Allaatiin  eegumsa gaariitu  ta’aaf”.  Raajotni dhugaan Macaafa qulqulluu keessatti hijii hatnaan, gowwomsaa, ejjaa fi waaqeffatnaa ormootaatiin mormaniiru. Egaa Muhaammad karaa raajota kanaa irra adeemeera? Barsiinii fi hojiin isaa Macaafa qulqulluu ni mirkaneessaa? Mee yaada kana waliin haa ilaallu.

A, MUHAAMMADII FI WAAQA-TOLFAMAA

Macaafa qulqulluu keessaa Seera Ba’uu 4:4-5 keessatti “Bifa fakkeenyaa kamiin of-duratti hin qabaatin, hin sagadiniif, hin waaqessinis” jedha. Akkasumas 1Mooto. 19:18 ,2Mooto.18: 1-4. Kutaaleen Macaafa qulqulluu armaan olitti ka’aman kun bifa fakkeenyaa kamiif taanaan isaaniif sagaduun , qoomma’uufiin, ixaana aarsuufiin, akkasumas  jejatnaa amantii dhiyeessuufin akka hin danda’amne dubbata. Hadisii yeroo dubbifnu garuu Muhaammad bifa tolfamaadhaaf waaqeffannaa akka dhiyeesse argina.

Saalim namni jedhamu isa abbaan isaa dubbate akkas jedhee ibseera “Ergamaan Allaa gara makkaa dhufee tawufiid yeroo taasise jalqaba dhagaa gurraacha dhungachuudhaan, sana booda marsaa torba isa naannaa’amu keessaa marsaa sadii raamaa taasise (  Saahii Al-Buhaarii Jildii 2ffaa, Kitaaba 26ffaa lakkoobsa 673) Akkasumas lakkoobsa  675, 676, 679 fi 680.

Abiis Biin Raabiyaan akka jedhetti immoo :- Umar dhagaa gurraacha sanatti dhiyaatee erga dhungateen booda ‘ Ati dhagaa akka taate, eenyuun iyyuu miidhuu ykn fayyaduu akka hin dandeenye  shakkii tokko hin qabu, ergamaan Allaa yeroo si dhungatu osoon hin argine ta’e si hin dhungadhun ture”( Saahii Al-Buhaarii Jildii 2ffaa, Kitaaba 26ffaa lakkoobsa 667).

Duuka-buutuu Muhaammad kan ta’e kun  Umar- Yeroo Muhaammad  dhagaa sana dhungatu osoo hin argine ta’ee dhagaan sun dhagaa waan ta’eef, miidhaa fiduu waan hin dandeenyeef hin dhungatu ture. Hubatnaan kun garuu Muhaammad jalaa dhokatee ture.

Muhaammad akka raajota warra darbanii, Waaqayyo tokkicha kan waaqessu osoo ta’ee maaliif waaqa-tolfaatti sagada? Maaliif dhagaa gurraacha sana dhungate? Maaliif hordoftootni isaa fakkeenya isaa akka fudhataniif barsiise?

        B, Muhaammad barsiisa sobaa barsiiseera.

Abboommota kurnan keessaa tokko hin sobin isa jedhu yeroo ta’u ( Seera Lewo. 19,: 11-12, Seera Ba’uu 20:16, Maat. 19:18) barsiisa Muhaammad keessatti garuu kan arginu faallaa abboommii kanaati. Qurraanni Musiliimotni amntii isaanii isa dhugaatti hanga hin buunetti  musiliima warra hin taane waliin yeroo jiraatan miidhaa isaan irra ga’u hambisuuf jecha sobuu akka danda’an ni barsiisa.(Quraana Suura/Boqonnaa 16: 106)

Ari’atam karaa amantii itti dhufu ambisuuf jecha sobuu qabuu? Rakkina isaanitti dhufu irraa Waaqni isaan waaqessan isaa oolchuu hin danda’uu? Yoo isaan oolchuu dhiises Waaqa isaaniif amanamoo ta’uun isaan irraa hin eegamuu? Muhaammad waa’ee dargaggoota (Saadiraaq, Missaaq fi Abdinaagoo) Waaqa isaaniif hanga du’aatti amanamanii hin beekuu? Dargaggootni kun yeroo rakkinni isaan irra ga’e of-oolchuuf jecha sobuu hin barbaadne. Kan nama dhibu inni isaan waaqessan Waaqayyo isaanii ibida boba’u keessaa isaan oolcheera (Raajii Daani’eel 3:16-18 fi 27).

Muhaammad hordoftootni isaa akkoa soban taasisuu irra darbee iyyuu Waaqayyo sobaadha jechuudhaan komata. Akka jecha Muhaammaditti Waaqayyo kan nama gowwomsuu fi kan addaan nama qooduu dha( Suuraa/Boqonnaa 4:42,3:54, 8:30). Quraana keessatti Allaan musiliimota kijibee ture( Suuraa/Boqonnaa 8:43 akkas jedha “ Allaan abjuu kee keessatti isaan sana xiqqeessee osoo sitti hin argisiifne ta’e ni sodaatta turte…”

Maaliif Allaan dhugaamatti hedduu ta’uu isaanii erga itti agarsiiseen  booda humni fi jabinni isaa  diinota isaaniin ol akka ta’e itti mul’isuu hin danda’u turee? Kan isaan itti amanatan umna Waaqa isaanii(Allaa) osoo hin taanee human ofii isaaniitti jechuudhaa?

Macaafni Qulqulluun sobuun amala Waaqayyoo akka hin taane dubbata. Sobni Seexana waliin kan walitti hidhatuu dha( Ibroota 6:18, Seera Lakkoobsaa 23:19, Yohaannis 8:44). Yeroo mootiin Sooriyaa Israa’el waliin wal lolaa  ture- hojjetaa Waaqayyo kan ta’e Elsaayii fi gargaartuu isaan  basaaftota jechuudhaan mootiin Sooriyaa  ajjeesisuuf waraana  yeroo itti ergetti, gargaartuun Elsaay waraana danuu isaan marse sana sodaatee ture. Haa ta’u malee Waaqayyo waraana danuu xiqqoo taasisee itti hin argisiifne. Yeroo gargaartuun Elsaay waraana danuu sana argee sodaachuudhaan “ attam goona”yeroo jedhetti Elsaay “ kna nu waliin jiru kan isaan waliin jiru waan caaluuf hin sodaatin” ittiin jedhe. Elsaayis “ yaa Waaqayyo haa arguuf ija isaa akka bantuuf sin kadhadha” jedhe. Waaqayyos ija nama sanaa baneef, innis Konkolaataa fi Fardeen ibiddaa naannoo isaa marsee jiru arge”            ( 2Mootota 6:15-17).

Muhaammad sobuun ni danda’ama jedhee barsiisuu qofa osoo hin taanee mormitoota isaa ajjeesuuf iyyuu sobatti fayyadameera.

Jaabiir Biin Abdullaahii akka jedhetti:-“Ergamaan Allaa  ‘Kaab Biin Al-Ashiraafii isa Allaa fi ergamaa isaa miidhe eenyutu naaf ajjeesa?’ yeroo jedhetti Mahaammad Biin Maasilaamaan ka’ee ‘ yaa ergamaa Allaa! Akka ajjeefamu ni barbaaddaa?’jedhe. Nebiyyuu Muhaammadis ‘eeyyee’ jedhe, Mahaammad Biin Maasilaamaanis ‘egaan akkan isa sobuuf naaf iyyami’ jedhe.  Nabiyyuu Muhaammadis ‘ ni dandeessaa dubbadhu’ jedhe”( Saahi Al-Buhaarii JIldii 5ffaa  kitaaba 59ffaa  lakkoobsa 369, akkasumas  JIldii 4ffaa  Kitaaba 52ffaa  lakkaabsa 270-271).

Iibin shihab akka dubbatetti sobni wantoota sadiif iyyamameera:- Yeroo lolaatti, Namoota walitti araarsuuf, akkasumas abbaan- manaa fi Haati-manaa yeroo waliin haasawan(walii galuuf jecha)  soba walitti dubbachuu ni danda’u(Saahii Musiliim Kitaaba 032 lakkoobsa 6303-05, akkasumas Saahii Al-Buhaarii jildii 3ffaa Kitaaba 49ffaa Lakkoobsa 857). Abbaan manaa fi haati-manaa dhugaa walitti hin dubbatan yoo ta’eef gaa’el maaliiti? Waaqayyo Efeesoon 4:25 keessatti dhugaa walitti akka dubatnu nu abboomeera. Kanaaf Muhaammad abboommii Waaqayyoo irra daddarbeera, hordoftootni isaas akkas akka godhan ajejeera, akkasumas Waaqayyoon sobaa jedheera. Akka Macaafa Qulqulluutti yoo ta’e kan sobuu fi nama gowomsu diyaabiloosiidha/ Seexana.

 

C, Muhaammad hojii sagaagalummaa raawwateera.

Macaafa qulqulluu keessatti haadha-manaa nama kan biraa hawwuun dhorkaa akka ta’e Waaqayyo dubbateera(Seera Ba’uu 20:17,Keessa deebii 5:21, Maat. 52728). Quraanni garuu

Muhaammad dubartii nama kan biraa akka fuudhuuf  Allaan miira isaa akka kakaase dubbata.Kunis namni Muhaammad akka mucaa isaatiitti guddise tokko haada-manaa isaa akka hiiku gochuu dhaan Muhaammad akka ishee fuudhu taasiseera(Kana jechuun Muhaamma haada-manaa ilma isaatii fuudhee jechuudha). Sababii maaliitiif Allaan cubbuu gadhee kana akka inni raawwatu akka ajeje yeroo dubbatu, namootni haada-manaa nama guddisan tokkoo  fuudhuu akka danda’anii fakkeenya ta’uuf akka ta’e dubbata(Suura 33:37). Muhaammad dubartii hawwe tokko fuudhu sababii barbaadeef, namni dubartii isaa akka hiiku gochuun isaa nama kan biraaf barumsa haa ta’uuf jecha jedhanii barumsa kana fudhachuun baay’ee ulfaata. Muhaammad  loltootni isaa dubartoota  lola irratti booji’an waliin saal-quunamtii akka raawwataniif iyyameera(Haadaha- manaa isaanii kan hin taane waliin jechuu dha).

Israa’elootni dubartoota lola irratti booji’aman fuudhuu ni danda’u garuu dabarsanii gurguruu, akkasumas fedha foon isaanii ba’uuf jecha itti xabachuu akka hin dandeenye(saal-quunamtii seeraan alaa irratti raawwachuu akka hin dandeenye) Waaqayyo isaan dhorkeera. Dubartoota fuudhuuf barbaadan kana immoo hanga isaan gadda maatii isaanii xumuranitti guyyaa 30f eeguu qabu. Kunis kan ta’uuf namichi ishee fuudhuu yaade sun, osoo ishee hin fuudhin saal-quunamtii akka ishee irratti hin raawwatneef, akkasumas Israa’eloota warren biroo waliin walitti dabalamuun akka ishee hin rakkisneef ta’a (Seera Keessa deebii 21:10-14). Muhaammad garuu hordoftootni isaa dubartoota bakka lolaatti booji’an waliin saal-quunamtii seeraan alaa akka raawwataniif iyyameera(Suura/Boqonnaa 4:24, 23:5-6,33:50, 70:29-30).

Muhaammad Saajjatoota lama qaba ture. Isheen jalqabaa nama biyya Koptik Maariyaa Biintuu Shaamuun Uum Iibraahiim yeroo taatu- isheenis ajejaa loltuu Alksaanderiyaa fi Misir kan ta’e Al-muqaawuqiis iraa akka kennaatti kan kennamtee dha. Isheen lammaffaan immoo Riihanaahi Biintuu Amiru ykn Biintuu Zayid kan jedhamtu yeroo taatu, isheenis Muhaammad booji’amtoota Baanii Ku’aaraadiih keessaa kan inni filatee dha( Seenaa Kitaaba seenaa Nebiyyuu Muhaammad dubbatu irraa kan fudhatamee dha.- The Seerah of Prophet Muhammad (S.A.W ). Muhaammad Alii Al-Haabii Al-Atahaariitiin kan qophaa’e, AL Firdoos El T Dii, Londan , Maxxansa jalqabaa 2001, Kutaa 2ffaa fuula 32-33)

Akka Abdul Aziiz dubbatetti:- Anaas akkas jedhe “Akkuma   ergamaan Allaa Kaahabaariin lolee  mo’een booji’amtootaa fi boojuu sassaabbatne. Dihaayyaan namni jedhamu immoo gara ergamaa Allaa dhufee ‘ Yaa ergamaa Allaa ! shamarran booji’aman kana keessaa hojjettu naaf hojjettu tokko naaf kenni’ jedhee gaafate. Muhaammadis dhaqii tokko fudhadhu jedhe. Innis nama Saafiyaa Biinti Uyaa’iin jedhamtu fudhate. Namni biraan tokko immoo gara ergamaa Allaa dhufee yaa ergamaa Allaa! Saafiyaa Biinti Uyaa’iin  isheen ati Diihayaaf kennite Miidhegsituu bulcha saba Ku’aaraayizaanaa kan ta’e kan An Naadiir waan turteef, isheen siif malee nama kan biraatiif hin taatu’ ittiin jedhe. Akkuma kanaan Diihayaan dubartitti wajjin gara Muhaammad dhufe.

Muhaammadis ishee ilaalee Diihayaadhaan  ‘Ishee dhiisiiti kan biraa abbaa feete fudhadhu’ ittiin jedhe. (Saahii Al-Buhaarii jildii 1ffaa kitaaba 8ffaa lakkoobsa 367)

Jaabiir akka dubbatetti immoo “ Namni tokkoo gara ergamaa Allaa dhufee ‘ Hojjettuu mana koo keessaa naaf hojjettu tokko waliin saal-quunnamtii nan raawwadha garuu akka isheen ulfooftu immoo hin barbaadu’ ittiin jedhe. Muhaammadis deebisee ‘Yoo feete aziilii taasisi garuu kan isheetti murtaa’etu raawwatama’ ittiin jedhe. Namichis yeroo muraasa booda deebi’ee akka hojjettuun isaa sun ulfoofte itti hime. Muhaammadis kan isheetti murtaa’etu ta’a jedhee sitti himeera mitii  ittiin jedhe” (Saahii Musilim kitaaba 008 lakkoobsa 3383)

Abu Sayid Al-kudrii akka dubbatetti immoo “ Yeroo lola Haanaayiin ergamaan Allaa lola akka lolaniif waraana gara Awutaasiitti erge. Akkuma kanaan lola sana keessatti dubartoota booji’anii turan. Haa ta’u malee sababii Abbootiin-manaa(dhirsoonni) isaanii waaq-tolfamaa waaqessaa turaniif, yeroo sana namootni Muhaammad faana adeemaa turan booji’amtoota sana waliin saal-quunnamtii gochuun itti ulfaatee ture. Sana booda inni ol-jedhaan “Allaan” waa’ee kana irratti  ‘ Dubartoota boojite waliin saal-quunnamtii gochuu ni dandeessa’ jedhee iiti dubbate”( Suura 4:24, Saahii Musiliim kitaaba 008 lakkoobsa 3422, akkasumas lakkoobsa 3371)

Kanaaf waaqni Islaamummaa keessatti waaqeffamu ergamaan isaa(Muhaammad) dubartii haadha-manaa isaa hin taane waliin saal-quunnamtii akka raawwatuuf iyyameera jechuudha( keessumatti haadha-manaa ilma ofii isaati guddise waliin). Akkasumas Muhaammadii fi hordoftootni isaa dubartoota lola irratti booji’aman waliin saal-quunnamtii akka taasisaniif iyyameeraaf. Egaa fedha-foonii(saal-quunnamtii) ba’uuf isa abboommii Waaqayyoo cabse Muhaammadiin akkamitti rajii Waaqayyo isa jiraataati jechuu dandeenya?

 

D, SAAL-QUUNNAMTII JENNATA KEESSATTI

Macaafa qulqullu keessati (Luqaas 20:34-36) Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos namootni mootummaa Waaqayyoo keessatt Kan fuudhanii fi heeruman osoo hin taanee akka ergamoota Waaqayyoo akka isaan ta’an dubbateera. Roomee 8:14 keessatti immoo mootummaan Waaqayyoo mootummaa mootummaa qajeelummaa fi kan nagaati malee, kan nyaataa fi dhugaatii akka hin taane dubbata. Quraanni garuu faallaa isa kanaati. Innis namoota mootummaa Waaqayyoo(Jennata) galaniif dubartootni takkaa dhiira bira hin ga’in, kan ija gurguddatan, mimmiidhagoo kan ta’a, baay’ee kan nama hawwisiisan akka qophaa’anii jiran dubbata. Suura/Boqonnaa 44:54 fi 52:20 keessatti “Ija kan tolan kan miidhagan, adaadii kan ta’an isaniif kennina” jedha.

Suura/Boqonnaa 55:56 “Namnis ta’e jinniin  kan itti hin bu’in, ija hatanii dhiira kan  ilaalan jiru. Keessa isaaniitti amala gaarii kan qaban bifa gaarii kan qaba dubartoota 70tu jiru. Gurraachinnii fi addeenyi ja isaanii baay’ee kan nama arkisu 72 immoo dunkaana keessatti qopheeffamanii jiru. 74 immoo warra eenyu iyyuu itti hin bu’iniidha. Suura/Boqonnaa 56:22-24 keessatti ija kan tolan, baay’ee kan miidhagan gatii isaan   (warra jennatattigalan) biyya lafaa irratti hojjetaniif qopheeffaman.

 Suura/Boqonnaa 78:31-33 keessatti “warra of-eeggataniif bakki fayinaa qophaa’eera, akkasumas dubartootni armi isaanii dhadhaabatu isaaniif qophaa’aniiru”

Abu Ureeyiraan akka dubbatetti “ Ergamaan Allaa akkas jedhe ‘warra jalqaba jennatatti galan dubartoota warra ija tolanii fi mimmiidhagoo keessaa lama isaaniif qophaa’anii jiru( Saahii Al-buhaarii Jildii 4ffaa kitaaba 54ffaa lakkoobsa 476 fi 469, akkasumas kitaaba 55ffaa lakkoobsa 544ffaa, Saahii Musiliim kitaaba 040ffaa lakkoobsa 6793,6795 fi 6798).

Abdullaahi Biin  Qu’aas akka jedhetti :- Jennata keessa dubartootni hedduun warri fayyan kan dhaqanii do’atan akkasumas itti gammadan gamoo yoo xiqatte bal’ina  M 96000 qabu keessa akka jiran Muhaammad akka dubbate ibsa.

Isa nabiyyu Muhaammad dubbate Anaas akkas jechuun ibsa “Namootni jennata keessa jiraatan hundi akka isaan saal-quunnamtii gochuu danda’aniif umni adda Allaa biraa isaniif ni kennama. Innis akkas jedhe ‘ Nmani duguma Jennata keessatti saal-quunamtii gochuu ni danda’aa?’ Muhaammadis “ Namoota  jennatattii galaniif saal-quunnamtii gochuu akka danda’aniif, nama tokkoof human nama dhibbaatu kennamaaf’ jedhe( Al-Tiirmiidiihi lakkabsa 2459)

Egaan akka barsiisaa fi jecha Muhaammaditti yoo ta’e miiraa fi fedhiin foonii yeroo biyya lafa kana irra jiraatnu qabnu hundi Jennata keessas ni jira jechuu dha. Muhaammad Allaan namoota warra jennatatti galan dhaabatanii kan eegan dubartoota akka qopheesse, hordoftootni Muhaammad immoo isaan kana waliin saal-quunnamtii gochuu akka danda’an Allaan  naaf mirkaneesseera jedha. Kun immoo bakka jireenya Waaqayyoo lafa ta’e, akkasumas bakka namootni tokkummaa fi jaalala Kirkistoosiif qaban itti ibsanitti cubbuun biyya lafaa fi kan foonii achitti argama jechuudha. Muhaammad waaqa irraa baaf bu’e kan inni jedhu Quraanni, akkasumas Haditiin Jenaati ykn Mootummaan waaqayyoo baaay’ee kan nama jibbisiisuu fi bakka cubbuun guute ta’uu isaati.

Allaan ijoollee dubaraa fedhii foonii ykn saal-quunnamtii qofaaf bara-baraan Jennata keessa  jiraatan qopheesseera jechuun nama hin dinquu? Jennati inni Muhaammadii fi Quraanaan ibsame kun  cubbamaa ta’uu namaa, akkasumas fedhiin foonii maal akka ta’e kan ibsuudha malee wa’ee qulqullummaa kan dubbatu miti. Barsiisa isaa isa yaada fooniin guutee fi amala isaa isa hammeenyaan guute kanaan attamittiin Muhaammadiin raajii dhugaadha jechuu dandeenya?

E,MORMITOOTA ISAA IRRATTI IJAA BA’UU FI AJJEESUU ISAA

Macaafa qulqulluu keessatti amntootnis ta’e raajotni darban namootni akka isaan simataniif lola akk hin kaafne , sababii amntiitiif mormiin yoo irratti ka’ellee ijaa baafachuu akka hin qabne ifatti barsiisa. Waaqayyo inni isaan waaqessan isaaniif waan loluuf, ijaas waan isaaniif ba’uuf ofii isaaniitii ijaa baafachuu akka hin qabne dhorkamaniiru(Seera Lewootaa 18:18, Maatiwos 5:39 fi 44, Maatiwos 26:52, Maatiwos 22:39-40,Efeeson 6:12, Ibroota 10:30). Ibroota 10: 30 keessatti- Ijaa baasuun kan kooti, gatii nama hundaa mataa isaatti   nan       deebisa akka jedhe ni beekna. Quraanni immoo faallaa kanaa uumaa fi  amantii ofiif loluun barbaachisaa akka ta’e barsiisa.

Suura/Boqonnaa 4:74 keessatti-Warri jireenya darbitu isa hin banneen jijjiirratan karaa Allaa irra adeemu. Warri karaa rabbi irra adeemanii mo’an immoo gatii guddaa argatu  jedha. Suura/Boqonnaa 4:890 irratti immoo “ warra amantii irraa booda deebi’an- isaan qabaa, booji’aa, lafa itti isaan argitan hundaatti isaan ajjeesaa, firootas isaan keessaas hin baafatinaa. Suura/Boqonnaa 5:51 keessatti “ Isin warri amantan! (Musiliima taatan) Yihudootaa fi Kiristiyaanota keessaa fira hin baafatinaa, nmani kana godhu yoo jiraates inni isaan keessati ykn Musiliima miti- Allaan saba hamaa hin sirreessu”. Suura/Boqonnaa 8:39 irratti immoo “Dhugaan hanga argamutti, amntiin hundi kan Allaa hanga ta’utti lolaa”jedha.

Suura/Boqonnaa 9:73 keessatti immoo “Ati yaa nabiyyu warra garagalanii fi ganan loli, garaas itti jabaadhu,bakki jireenya isaanis gahaannami”. Akkasumas Suura 2:190-191fi 193, 2:216,4:95.8:12 fi 65, 9:5,14 fi 29, 47:4,48:29,59:2 fi 4-5,61:4,66:9 irratis Quraanni haaluma wal-fakkaataadhaan namootni Islaamummaa hin hordofnee fi hordoftootni amantii kan biraa ta’an akka ajjeefaman ni ajeja.

Iibin Umar akka dubbatetti “Ergamaan Allaa akkas jedhe ‘Hanga namootni hundinuu Allaa qofaatu waaqayyoodha, Muhaammad immoo ergamaa isaati jedhanii amma labsanitti, isas hanga kadhatanitti, kennaas hanga fidanitti akkan loloof na ajejeera. Kana yoo godhan lubbuu fi qabeenya isaanii oolfachuu danda’u.”(Saahii Al-buhaarii Jildii 1ffaa, kitaaba 2ffaa, lakkoobsa 25, akkasumas kitaaba 8ffaa lakkoobsa 387, Saahii Musiliim kitaaba 001 lakkoobsa 0029-0030 fi 0032-0033).

Akkasumas yeroo ergamaan Allaa Kaayibaariin lolee to’atetti- Lafti sun kan Allaa, kan ergamaa isaatii fi qabeenya  musiliimota hundaa waan ta’eef  Yihudoota  achi  keessaa  baasuuf  yaadee  ture.  Haa ta’u malee Yihudootnis Muhaammad raawwatee achi keessa akka isaan hin baafneef – Isaaf bitamuu, hoomisha isaanii keessaas walakkaa isaa Muhaammadii fi musilimootaaf kennuuf gaafatan. Ergamaan Allaas “Waan jettan yoo raawwattan, akkasumas hanga nuti isiniif iyyamne qofaatti as turuu dandeessu.” isaaniin jedhe.  Isaanis hanga gaafa Umar gara Taayimaa fi Arihaatti isaan ari’etti achuma jiraachaa turan (Saahii Al-Buhaarii jildii 3ffaa kitaaba 39ffaa lakkoobsa 531).

Umar Bii Al-Kitaab akka jedhetti “ Ergamaan Allaa akkas jedhe ‘ Kiristiyaanotaa fi Yihudoota biyya Arabaa hunda keessaa nan baasa, Musilimoota irraa kan hafe eenyullee keessa hin jiraatu”(Saahii Musiliim Kitaaba 019 lakkoobsa 4366). Muhaammad irraa kan hafe raajiin aangoo gargaaramuudhaan namoota amansiisuu ykn amantii isaanii jijjiiruu yaade hin jiru. Raajotni Waaqayyoo waan isaan mudachaa ture hunda Waaqayyotti himu turan ykn waan isaan mudate keessatti qoramanii darbu  malee raajotni ijaa baafatan akka turan Macaafni qulqulluun nutti  hin dubbatu.

Seera Lakkoobsaa boqonnaa 12 keessatti yeroo obboleessii fi obboleettiin Muse Museen morman ,akkasumas boqonnaa 14 keessatti immoo yeroo sabni Israa’el Musee fi Haaron irrati ka’an argina. Bakka lachuu keessatti iyyuu qooda Musee ta’ee yeroo Waaqayyo Musee dhaaf falmu argina. Seera Lakkoobsaa 16 keessatti immoo Museen mormii isa irratti ka’e yeroo Waaqayyotti dhiyeeffatu, yaada mataa isaatii dubbachuu irraa yeroo inni of-eeggatu argina.

Kunis kan agarsiisu Museen Waaqayyo hojjetuuf kana sirriitti kan beeku, Waaqayyoo isaas kan dhaga’uu fi kan faraduu danda’u akka ta’ee dha (Seera Lakkoobsaa 16:1-35).

Seenaa armaan olii keessatti akka ilaalletti Museen mormiin yeroo namoota kan biroo  irraa isatti ka’u Waaqayyoon kadhachuu malee isaan hin lolle. Eenyuun iyyuu ajjeesuu fi ijaa  ba’uuf yeroo inni  yaalii geggeessu hin arginu. Kunis eenyu  akka isa waame, eenyuunis akka tajaajilu waan beekuuf kan inni muddamaa ture warra isaan mormaniif malee waa’ee taayitaa ofii isaatii hin turre. Waaqayyo hojjettoota isaaf kan falmu Waaqayyo isa jiraataa dha. Karaa biraa immoo Muhaammad warra isaan morman hunda yeroo inni ajjeesuu fi adabu argina. Muhaammad  raajii Waaqayyoo isa dhugaa osoo ta’e, Waaqayyo inni isa waame akka Musee fi raajota warren biroof gochaa ture maaliif isaaf loluu hin dandeenye?

Raajotni Waaqayyo Kakuu Moofaa keessatti argaman hundi mormii adda-addaa, ariyatnaa fi du’a keessallee darbaniiru.Raajota Waaqayyoo kana keessaa  Waa’ee ofii isaatiif loluu fi falmachuu kan yaale tokkollee hin turre. Muhaammad garuu mormii fi qorumsa sababii amantii isaatiif isatti dhufu kamiin iyyuu fudhachuuf tole hin jetne.

Galagalchiiyyuu Waaqa isaa bakka bu’uudhaan warren isaa fi waaqa isaan morman irratti akka ijaa ba’uuf waaqani isaa akka isa ajeje dubbata. Waaqni Muhaammad waaqessu waa’ee Muhaammadiifis ta’e waa’ee ofii isaatiif falmuudhaaf humnaa fi dandeettii hin qabuu turee?

Jaabiir Biin Abdullaahi akka dubbatetti “ Ergamaan Allaa  ‘ eenyutu Kaab Biib Al-ashiraaf isa Allaa fi ergamaa isaa miidhe kana naaf ajjeesa?’  jedhe, Mahaammad Biin Maasilaamaa namni jedhamu ‘ Yaa ergamaa Allaa ! Akkan ajjeesu ni barbaaddaa?’jedhee gaafate. Muhaammadis ‘eeyyee’ jedhe. Mahaammad Biin Maasilaamaanis deebisee ‘ Egaa akkan isa gowomsuuf naaf iyyam’ jedhee gaafate. Nabiyyuu Muhaammadis ‘ni dandeessa raawwadhu” jedhe”( Saahii Al-Buhaarii jildii 5ffaa kitaaba 59ffaa lakkoobsa 369)

 Gosa warra Madiinaa keessaa kan taate, amntii tokkollee kan hin qabne garuu kennaa walaloo kan qabdu  Asmaa dubartii  jedhamtutu ture. Maqaaan abbaa-manaa ishees Yaaziid Bii Zaayid jedhama ture. Dubartiin kun Muhaammadiin simachuu warra Madiinaa, Isaaf abboomamuu isaanii fi, akkasumas miidhaa inni isaan irraan ga’ee mormuudhaan loluu dhiisuu isaaniitiif walaloodhaan isaan arrabsite. Muhaammad waan dubartiin ku jette gaafa dhaga’e “ Intala Maaraawaa kana eenyutu naaf dhabamsiisa” jedhee gaafate.

 Galagaluma sana gosa abbaa-manaa ishee warri ta’anii fi hordoftoota Muhaammad keessaa namootni kan biroon  dhokatanii mana ishee lixan. Dubartiin kun ijoollee shan(5) qabdi turte., ijoollee ishee keessaa inni dhumaa arma ishee qabatee qoma ishee irra rafee ture.

Namoota ishee ajjeesuu dhaqan keessaa tokko suuta jedhee mucicha arma ishee irraa addaan baasuudhaan, lafa isheen ciiftutti goraadeedhaan waraanee ishee ajjeese. Guyyoota itti aananitti eenyullee gocha suukanneessaa kanaaf akka ijaa isaan hin baanetti, namootni Muhaammad tarkaanfii fudhachuu eegalan. Gocha Nabiyyuu Muhaammad kanaan eenyullee  mormuu hin dandeenye, abbaan-manaa isheellee ittiin mormuu hin dandeenye (Iibin ishaaq, seenaa jireenya Muhaammad(The Life Of Muhammad), E Gulaaumiin kan hiikame, Oxfordii Yuupii, 1955,2004, fuula 675-676).

Gosa Madiinaa keessaa kan ta’e, maqaan isaa Abu Ufaak kan jedhamu nama waggaa 100 tokko jiraatetu ture. Namni kun waaqa-tolfamtuu “ Maanaat” jedhamtu waliin walitti dhufeenya kan qabu yeroo ta’u,  dhoksaa Muhaammadis kan bakkee baasu, jabina namoota Madiinaa, ormaaf kan hin jilbeenfatne ta’uu isaanii ibsuudhaan, garuu ajeja abboommii amntii Muhaammad baaseen sabni jabaa ture kun bakka lamatti akka gargar qoodame walaloo isaa keessatti barreessee ture.

Muhaammad gaafa kana dhaga’u “ Jaarsa kana eenyutu naaf ajjeesa” jedhee gaafate. Lola Baadir keessatti irmaatee kan ture namni Saaliim Iibin Umaayer jedhamu “ Jaarsa kana nan ajjeesa ykn immoo anatu isa dursee du’a” jechuudhaan Muhaammadiif waadaa seene.

Sana booda akka tasaa ta’ee gaaf tokko sababii ho’ai cimaa irraa kan ka’e  osoo  jaarsi kun badhee irra rafuu argate. Akkuma isa argeen goraadee baatee ture garaa isaa keessa baasuudhaan siree isaa waliin walitti maxxansuudhaan “yaa diina Allaa” jedhee sagalee guddaadhaan iyye.

Namootni isa  waliin turanis ariitiidhaan gara mana keessaatti ol isa galchan ( Iibin ishaaq fuula 675 fi Iibin Saad, garee kitaabota warren gurguddaa keessaa kan ta’e( Kitab Al Tabaqat Al Kbir/ Book Of  The Major classes).

Gooftaa Yesuus namoota akkasiitiin “ Isin kan abbaa keessan kan Seexanaati; Fedha abbaa keessaniis gochuu barbaaddu; Inni jalqabumaa jalqabee ajjeessaa dha; Dhugaan isa keessa waan hin jirreef dhugaatti jiraachuu hindandeenye; yaada ofii isaa irraa soba dubbata; sobaadha abbaa sobaatis” jechuudhaan Yohaanis 8:44 irratti akeekkachiisa.

 

F, MUHAAMMAD WAA’EE FAYINAA OFII ISAATIIF SHAKKII QABA; WAAQA WAAQESSUTTIS AMANAMUMMAA HIN QABU.

Raajotni Muhaammad dura turan Waaqayyo isa tajaajilan irratti amanamummaa qabu turan. Dhuma ofii isaanis kan beekan  turan.  Inni isaan itti amanan dhugaa waan ta’ee badhaasaa fi ulfina isaan eeggatu beeku turan; Kanaaf amantii hin sochoone qabu turan        ( Yohaannis 6:68-69, Yohaannis 10:28-30, Yohaannis 11:25-27, 1Yohannis 4:16, Romee 8:18). Waa’ee dhuma jireenya isaatiis kan raafamuu fi na’u Seexana qofa(Maarqos 1:24). Muhaammad garuu waa’ee Waaqa isa hojjetuuf kanaa shakkii guddaa qaba ture. Mee yaada kanatti fufee jiru Quraana keessaa haa ilaallu:-

Suura/Boqonnaa 46:9 “Ergamoota keessaa ani nama addaa  miti; anis ta’e isinis maal akka taanu hin beeku. Isa gara kootti gad-bu’e malee kan biraa hin hordofu, ani isa nama sodaachisuudha malee kan biraa miti. Nebiyyu Muhaammad akkas jedheera “ Ani yoon ergamaa Allaa ta’eyyuu, Allaan maal akka ana irratti raawwatu hin barinan jira; dhumni eenyuuyyuu maal akka ta’e murteessuu hin danda’u; kun immoo nagaddisiisa..”jedheer      ( Saahii Al-buhaarii Jildii 5ffaa Kitaaba 58ffaa lakkoobsa 266).

Erga Muhaammad waa’ee eenyummaa waaqa waaqessuu itti amanamummaa guutuu hin qabu ta’e, nuti immoo attamittiin ergaan isaa sirriidha jechuu dandeenya? Attamittiinis Muhaammad raajii sirriidha jetne fudhachuu dandeenya? Namni ofii isaatiif wabii hin qabne, hordoftoota isaatiif wabii maalii kennuu danda’a?

G,ILAALCHA MUHAAMMAD DUBARTOOTAAF QANU FI DUBARTOOTA ISAA

Muhaammad erga haati-manaa isaa Kadijaan duutee booda, ijoollee isaa akka isaaf guddiftuuf nama gorora-liqimsite, abaaan-manaa kan irraa du’e dubartii Saawudaa  jedhamtu  fuudhee ture . Akkuma kanaan Muhaammad qabeenyaanis ta’e taayitaadhaan yeroo guddachuu eegalu, ijoollee dubaraa mimmiidhagoo ta’an kan ofii isaa taasisuu jalqabe. Kun immoo Saawudaa ishee isa  cina dhaabachuudhaan  ijjoolee isaa guddisuudhaan isa gargaaraa turte,  bifne ishee sababii umuriitiif hir’isaa waan dhufeef ishee tuffachuu, baddubaasa iyyuu akka inni ishee hiikuudhaaf yaalii gochaa ture seenaan ni yaadata.  Kutaan Quraanaa kanatti fufee jiru kunis Muhaammad akka ishee hin hiikneef erga Saawudaan isaa wajjin walii  galtee taasiftee  kan gad-bu’eedha. Suura 4:28 innis akkas jedha “ Yoo dubartiin tokko  abbaan-manaa ishee fuula irraa achi deebifachuu isaa argitee, deebi’anii  immoo isaan giduutti tokkummaan yoo uumame yakki isaan irra hin jiru.”

Bara taayitaa Iibin Abbaasitti  At-Tiirmudii namni jedhamu akka dubbatetti “ Saawudaan yeroo Muhaammad na hiika jettee sodaatetti ergamaa Allaatiin akkas jette ‘Na hin hiikin qooda kanaa guyyootan si wajjin dabarsu dabarseen Aayishaaf  kenna’ittiin jette. Kana booda kutaan Quraanaa Suura 4:28 gara Muhaammaditti gad-bu’e. Kan kan nuti argatne:- (Kabajamoo dubartoota Nabiyyuu(The Honorable Wives of the Prophet); Araamii Abdul Ahaad, Mana Maxxansaa fi Raabsaa Daarusalaam; Riiyad, Jiiddahi, Shaarjaahi,Laahor,Londan,Hiiyusten, New Yoork, Maxxansa jalqabaa Onkoloolessa 2004 fuula 64-65).

Akka Aayishaan dubbattettii “Ergamaa Allaa gammachiisiif jecha Saawudaan guyyaa ergamaan  Biint Zaamaa jedhamu itti ishee do’atu dabarsitee Aayishaattiif kennite” (Saahii Al-Buhaarii jildii 3ffaa, kitaaba 47ffaa,lakkoobsa 766).  Akkasumas Saahii Musiliim kitaaba 008 lakkoobsa 3451).

Namoota biroodhaaf fakkeenya guddaa ta’uudhaaf  kan waamame ergamaan Allaa haadha-manaan  isaa (Saawudaa)  sababii umuriin ishee dheerateef, miidhaginni ishee durii hir’achuu irraa kan ka’e yeroo isheen Muhaammad na hiikuu barbaada jettee  sodaattuu fi yaaddoftu kanatti- Jabaadhu ani si hiikuu hin barbaadu, guyyaa anisii  wajjin dabarsuu barbaadus dabarsee nama biraaf hin kenu jedhee ishee jajjaabeessuun isa irra hin turree? Yeroo rakkina isaatti isa wajjin kan rakkatte kana guyyaa ulfinaa fi taayitaa, akkasumas dubara mimmiidhagoo umuriin ijoollee ta’an   argatetti, akka qodaa cabaatti ishee ilaaluun kun hojii gaariidhaa?.  Yeroo tokko immoo dubartoota isaa keessaa isheen Uumuu Salaamaa jedhamtu Muhaammad itti dhiyeenya addaa Aayishaa waliin waa qabuuf, hordoftootni isaa guyyaa itti Muhaammad gara Aayishaa dhaqu eegachuudhaan kennaa isaaf waan fidaniif dubartoota isaa keessaa isheen Uumuu Salaamaa jedhamtu dubartoota isaa warren biroo bakka bu’uudhaan gocha kana irratti mormii dhiyeessite turte.

Muhaammadis “ Adaraa kee waa’ee Aayishaatiif  na hin rakkisin, sagalee waaqa irraa kan naaf dhufu hunduma  caalaa yeroo siree ishee keessa jiru qofaa dha” ittiin jedhe (Saahii Al-Buhaarii jildii 3ffaa kitaa 47ffaa lakkoobsa 755). Muhaammad ilaalcha addaa Aayishaadhaaf taasisu dhoksuuf jecha  Quraanni Allaa biraa kan naaf dhufu yeroo ani siree ishee irra jiru qofa jechuun isaa baay’ee kan nama dinquu dha.

Inni kan biroon immoo  Allaan Muhaammadiif  ilaalcha adda gochuudhaan dubartii hanga barbaade akka fuudhu gochuu isaati ( Suura 33:50). Kunis Allaan seera isaa isa nama tokkoof hanga dubartii afuriitti(4)  jedhu diiguu isaati( Suura 4:3).

 Keessumatti seera Allaa isa namni tokko dubartii 4 fuudhuu danda’a, isaaniin immoo wal-qixatti bulchuu qaba jedhe eeguu dadhabuu isaa fi dadhabbii mataa isaa dhokfachuuf jecha isa inni abbaan-manaa tokko dubartii isaa yoo jibbe ishee hiikuu danda’a jechuudhuun inni Muhaammad kutaa Quraanaa isa gargaaru qopheesse immoo isa kami irrayyuu kan ammaatuudha (Suura 4:128-129).

Muhaammad yero  dubartii abbaa-manaa isheetiif hin abboomamne reebuu fi miidhuun ni danda’ama jedhee labsii baasetti- Abbaa-manaa akkana godhe sababii isaa gaafachuun akka hin danda’amne akeekkachiiseera. Umer Iibin AlKitaab waa’ee kanaa yeroo dubbatutti “ Muhaammad namni dubartii isaa yeroo reebu maliif akka reebu gaafatamuu hin qabu” jedheera (Sunaan Abu Daawud kitaaba 11ffaa lakkoobsa 2142). Suura 4:34 ‘Dhiirotni bulchittota dubartootaati;- Allaan isaaniin dubartoota irra caalchisaa uume. Dubartootni warri mimmiidhagoon abboota-manaa isaaniitiif haa abboomaman. Isaan kana yoo sodaattanis ifadhaa, isaan waliin hin rafinaa, isaan reebaa. Yoo kan isiniif ajejaman ta’an immoo isaan miidhuudhaaf karaa hin barbaadinaa; Allaan hunduma irratti guddaadha” jedha.

Abdallaa Iibin Abuduhubaab akka dubbatetti “ Uumar gar ergamaa Allaa dhaqee ‘dubartootni abboota-manaa isaanii irratti jabaataniiru’ jedhe. Muhaammadis akka isaan reebaniif ajeja kenne. Dubartootni hedduunis gara maatii Muhaammad dhaquudhaan waa’ee abboota manaa isaanii dubbachuu eegalan. Ergamaan Allaas ‘ Dubartootni hedduun warri gara maatii kiyya dhufanii waa’ee abboota-manaa isaanii dubbatan isaan nama gaarii miti’ jedhe’ (Sunaan Abu daawud kitaaba 11ffaa lakkoobsa 2141).

Mahaammad Bii Qu’as isa Ayishaan dubbatte yeroo ibsu:- “ Muhaammad akkas jedhe ‘Dukkanni ani fuula koo duratti ilaalaa ture gaaddidduu kee turee?’  Anis Eeyyeen jedhe. Qoma koos na rukute, innis na dhukkube. Isaana booda immoo ‘ Allaa fi ergamaan isaa osoo sitti hin murteessin waan si dhiisan sitti fakkaataa? ittiin jedhe” ( Saahii Musiliim Kitaaba 004 lakkoobsa 2127)

Iikiriimaan akka jedhetti:- Aayishaan akkas jette ‘ Dubartiin tokko reebicha abbaa manaa isheetii irraa kan ka’e miidhama ishee irra ga’e natti himuudhaaf gara koo dhufte’ Ayishaanis yeroo dubbattu “‘ ani dubartii akka dubartoota warra amantootaatti ergamaa Allaatiin  rakkinni irra ga’e hin argine ; ilaalaa ! gogaan dhagna isheetii bifa jijjiirrateera” jette. 

 

Abdur Raahimaan abbaan-manaa dubartii reebamte kanaa; haati-manaa isaa gara Nabiyyuu dhaquu ishee yeroo dhaga’etti; ijoollota isaa dhiiraa lama warreen nama kan biroo  irraa godhatee fudhatee gara Nabiyyuu dhaqquudhaan akkas jedhe “ Allaaf jedhiiti yaa ergamaa Allaa Dubartiin kun ni sobdi ! ani nama jabaa fi ishee boqochiisuu kanan danda’uudha, garuu naaf hin ajejamtu, gara abbaa-manaa ishee isa duraa, Riifaatti deebi’uu barbaaddi” jedhe. Ergamaan Allaas dubartittiidhaan “ Fedhiin kee erga kana ta’e osoo Abdur Raahimaa waliin saal-quunnamtii hin raawwatin gara Riifaatti deebi’uu akka hin dandeenye beekuu qabda” ittiin jedhe. (Saahii Al-Buhaarii Jildii 7ffaa kitaaba 72ffaa lakkoobsa 715).

Dubartii akkas miidhamtee haqa barbaacha gara isaa dhufte kana- Raajii dhugaadha kan ofiin jedhu Muhaammad  dubartii kana akka rakkisuuf gara  abbaa-manaa ishee goree yeroo dubbatu sirriidhaa? Murtoon isaa kunis murtii maaliiti?

Muhaammad yeroo dubbatu “ dubartootni uumama isaaniiti jalqabanii jal’oota; sammuun isaanii walakkaa kan dhiiraati; dadhabbii fi hir’inaan kan guutamanii dha; fedhii dhiiraa gammachiisuuf kan  uumamaniidha; akkasumas yeroo dhaala hirmaatan isaan walakka dhiiraa argachuu qabu” jedha. Suura 2:282 keessatti “ yeroo raga bahan dhiira yoo ta’e nama lama; yoo dhiirri tokko qofa ta’e immoo bakka dhiira tokkoo dubartootni  lama itti  haadabalaman- yoo isheen  tokko hirraanfattee  isheen tokko  haa yaadachiiftuu”.  Kna jechuun immoo dubartiin tokko amma dhiira tokkoo hin geessu jechuudha.

Abu Sayid Al-Kudirii akka dubbatetti:- Naniyyuun akkas jedhe “ Ragaan dubartii tokkoo hanga walakkaa ragaa dhiira tokkoo mitii? Dubartootnis ‘ eeyyee’ jedhan; Muhaamadis deebisee “ Sababiin isaas  sammuun dubartii hir’uu ykn hanga sammuu dhiiraa waan hin geenyeef akkas ta’uu danda’e”ittiin jedhe( Saahii Al-Buhaarii Jildii 3ffaa  kitaaba 48ffaa lakkoobsa 826).

Akka Muhaammaditti yoo ta’e hedduun dubartootaa Waarra gahaannam keessa jiraataniidha. Kunis kan ta’uu danda’e sababii Waaqa isaanii hin galateeffannee dha moo yookiis  maal jedhamee yeroo gaafatamu Muhaammad “ Hojii gaarii abbaan-man isaanii hin galateeffatan. Yooma isin gaarii hojjettanillee gaarii isin hojjettan arguu waan hin barbaadneef, ani waan gaarii tokko hin argine jedhu” jedhee deebise   ( Saahii Al-buhaarii Jildii 2ffaa  kitaaba 18ffaa  lakkoobsa 161,  akkasumas Saahii Al-buhaarii Jildii 1ffaa        kitaaba 2ffaa lakkoobsa 29, Saahii Al-buhaarii Jildii 7ffaa  kitaaba 62ffaa  lakkoobsa 125) keessatti argachuun ni danda’ama.

Abu Sayid Al-Kudir yeroo dubbatu:- Yeroo tokko ergamaan Allaa akkas jedhee “ Yaa dubartootaa! Hedduun keessan gahaannam keessa akka jirtan waanan argeefan aarsaa dhiyeessaa.” Isaanis “ Attamitti kun  ta’uu danda’a yaa ergamaa Allaa” jedhanii gaafatan. Innis “ Isin yeroo hunda ni abaartu, abboota-manaa keessanis hin galateeffattan; beekumsaa fi amniitti uumama dadhabaa ta’e akka keessanii hin argine..” jedhee deebiseef. Isaanis deebisanii “ Yaa ergamaa Allaa beekumsaa fi amantii keenya keessaa kan hir’ate maloo dha?” jedhan . Innis “ ragaan dubartoota lamaa akka raga dhiira tokkoo mitii?” jedhe isaniis dhugaa akka ta’e dubbatan.     Innis deebisee “ kun  beekums  dubartii  hir’uu akka t’e kan ibsuudha. Akkasumas  dubartiin yeroo xuriin irra jiru(dhiigni ji’aan isheetti dhufu) soomuu fi  kadhachuu hin dandeessu mitii?” jedhe. Isaanis hin dandeessu jedhanii deebisaniif. Innis “ Kun immoo amntiitti dadhabduu ta’uu ishee argisiisa” isaaniin jedhe (Saahii Al-buhaarii Jildii 1ffaa kitaaba 6ffaa  lakkoobsa 301, akkasumas Saahii Al-buhaarii Jildii 2ffaa  kitaaba 24ffaa  lakkoobsa 541, Saahii Al-buhaarii Jildii 3ffaa  kitaaba 31ffaa  lakkoobsa 172; Saahii Musiliim kitaaba  001 lakkoobsa 0142).

Abuu Hureeyiraan akka dubbatetti:- Nabiyyuun akkas jedhe “ Gara gahaannam nan ilaale; hedduun nama achi keessa jiruus dubartoota turan.”( Saahii Al-buhaarii Jildii 7ffaa  kitaaba 62ffaa  lakkoobsa 126), akkasumas Saahii Musiliim Kitaaba 036 Lakkoobsa 6596-6601, Saahii Al-buhaarii Jildii 7ffaa  kitaaba 62ffaa  lakkoobsa 124, Saahii Al-buhaarii Jildii 4ffaa   kitaaba 54ffaa  lakkoobsa 464,  Saahii Al-buhaarii Jildii 8ffaa  kitaaba 76ffaa lakkoobsa 456).

Kanumatti dabaluudhaan Muhaammad dubartootni fedhii saal-quunamtii dhiiraa gammachiisuudhaaf meeshaa uumamaniidhaa jedhee dubbata. Waa’ee kanaaf yeroo dubartoota sodaachisuuf dubbatu “ Yeroo dhiirri haada-manaa isaa gara sirreetti waamu, yoo ishee kan diddu taate ergamootni hanga lafti bariitutti abaarsa ishee irratti gad-roobsu” jedha (Saahii Al-buhaarii Jildii 7ffaa  kitaaba 62ffaa  lakkoobsa 121 fi 122, Saahii Al-buhaarii     Jildii 4faa   kitaaba 54ffaa lakkoobsa 460, Saahii Musiliim kitaaba   008 lakkoobsa 3367).

Suura 2:223 keessatti immoo “ Haat-manaa keessan isiniif  akka hooruu keessaniiti ; gara hooruu keessaniis akka barbaaddanitti dhaquu dandeessu; Lubbuu keessaniif immoo hojee garii dursaa , Allaas sodaadhaa, Warra isaani waliin saal-quunnamtii raawwattan ta’uu keessanis haa beekan.

Rakkachuu dhiirotaatiif sababiin dubartii  akka ta’e; akkasumas Hewaan irraa kan ka’e abbaa-manaa isaaniitiif amanamoo miti” jedhee Muhaammad dubbateera (Saahii Musiliim kitaaba  008  lakkoobsa 3471-3472, Saahii Musiliim kitaaba   036   lakkoobsa 6603-6604, Saahii Al-Buhaarii Jildii 4ffaa kitaaba 55ffaa lakkoobsa 611)

Nama Haadholee  fi obboleeyyan  keenya irratti,  jal’innii fi yakki akkasii  irratti  akka  raawwatamuuf  barsiise kana,  Raajii Waaqayyo isa hundumaa danda’uuti jetnee fudhachuun baay’ee ulfaata.

H, Mul’atni Muhaammad naaf dhufe jedhe:- Yaada ofii isaa keessaatii? Waaqayyo biraa dhufee? Moo yookiis Seexana biraati?

Mul’atni Muhaammad naaf dhufe jedhu kana eessaa akka ta’e hubachuudhaaf, mee dursa shaakala inni uumama ergamaa jedhame waliin qabaachaa  ture haa ilaallu. Akka Aayishaan dubbatetti “ Muhaammad akkuma amala isaa holqa Hiiraa jedhame keessa taa’ee osoo waaqeffatuu….Ergamaan gara isaa dhufee akka inni kitaaba dubbisuuf gaafate. Muhaammadis “ Dubbisuu hin danda’u” jedhee deebiseef.

Waa’ee kanaa Muhaammad danbalee yeroo dubbatu “ Ergamicha akkaataa umna koo lo ta’een udhee na qabe. Sana booda erga gad-nadhiisee ammas akkan dubbisuuf na gaafate. Anis “dubbisuu hin danda’u” jedheen deebiseef. Yeroo ani kana jedhetti ammas jabeessee  na qabuudhaan ammas akka ani dubbisuuf na gaafate. Ammas “dubbisuu  hin  danda’u”  jedheen deebiseef. Ammas yeroo saddaffaadhaaf udhee na qabuudhaan akkas naan jedhe “ Maqaa Gooftaa isa hundumaa uumeetiin, isa nama dhiiga irraa uumeetiin dubbisi” naan jedhe.(96: 1-3). Sana booda ergamaan Allaa naasuu guddaadhaan qabamee gara manaatti deebi’ee gale. Gara Kadijjaa Biinti Kuwildiim dhaquudhaan “ Na dhoksi, Nadhoksi” isheedhaan jedhe. Isheenis hanga naasuun irraa deemutti ni dhoksite(Saahii Al-Buhaarii Jildii 1ffaa  kitaaba 1ffaa  lakkoobsa 3 fi jildii 9ffaa kitaaba 87ffaa lakkoobsa 111).

Muhaammad haala isa mudate kana haadha-manaa isaatti yeroo himu “ Yaa Kadijjaa! Ifatu natti argama; sagaleenis natti dhaga’ama; marraatuun ta’eyyuu jedheen sodaadha”                 ( Iibin saad fuula 225).

Hafuurri gara Muhaammad dhufe kun Waaqayyo biraa osoo ta’ee,  maaliif  ofii isaa sirriitti hin ibsuuf? Maaliifis is hudhee qabe? Maaliifis dubbisuu akka inni hin dandeenye baruu dadhabe? Akka inni dubbisuu hin dandeenyes erga beekee maaliif dubbisi jedhee isa hiraarsa? Dubbisi yeroo ittiin jedhamu sanattis Muhaammad kitaaba baatee turee? Yoo baatee kan jiru ta’e immoo , Dubbisuu’oo  hin danda’uu  maaliif kitaaba baatee dhaqe?

Maaliifis erga Hafuura sana waliin wal-argee tasgabbaa’uu dadhabe? Tarii na’uun isaa wanti akkasii kun kan isa mudate yeroo jalqabaatiif ta’uu ni danda’a. Garuu maliif hafuurri kun jabaadhu jedhee isa jajjabeessuu dhiise? Maaliif Muhaammad nagaa fi gammachuudhaan hin guutamne?

Macaafa qulqulluu keessatti Waaqayyo akkasumas ergamaan Jibiriil namoota waliin haasa’aniiru. Namootni sun garuu osoo isaan akka Muhaammad sadaatanii fi na’an hin arginu. Ergamootnis eenyuun iyyuu humnaan dhiphisuudhaan itti hin dhiyaatne. Namootaa fi warra ergaa isaan baatan san fudhatan dandeettii isaanii sirriitti ni beeku turan.

Seera Uumamaa keessatti yeroo Waaqayyo Nohiin haasofsiisetti( Seera Uumamaa 6:9-22, Boqonnaa 7, 8, 9 fi 10) osoo Nohi sodaatee raafamuu hin arginu. Waaqayyo aangoo gargaaramuudhaan Nohiin hin dhiphifne; caalaattiyyuu Nohi wanta Waaqayyo  akka inni hojjetuuf  isa irraa barbaadu sirriitti hubatee ture.

Waaqayyo yeroo addaa-addaatti Ibiraahimiin haasofisiisaa  ture (Seera Uumamaa Boqonnaa 12-18tti). Dubbii namatti toluu fi gammachiisu  malee Waaqayyo biraas ta’e karaa Ibiraahimiin gocha namatti bitaacha’u tokko illee hin arginu. Ibiraahimiin sana bira darbeeyyuu ulfina fuula Waaqayyoo argachuu irraa kan ka’e, sodaachuu osoo hin taane waa’ee ilma obboleessa isaa Looxiyyuu Waaqayyo waliin mari’achaa ture( SeeraUumamaa 18:22-23). Akka hiriyyaa isaatti Waaqayyo wajjin haasawaa ture.

Waaqayyo Musee wajjin dubbachuudhaan(Seera Ba’uu boqonnaa 3- 34) yeroo inni abboommii itti kennu fi isa ajejeef immoo wanta barbaachisu yeroo inni qopheessu argina.  Waaqayyo ofii isaa Museetti erga mul’isee booda, maaliif  gara Misiritti akka isa ergu itti dubbateera. Museenis sababii Waaqayyo isatti mul’ateef hafuura fedhii fi ofitti amanamummaan guutame.  Isaayaasis erga sagalee Waaqayyoo dhaga’een booda waaqayyootti dhiyaachuudhaaf cubbuu isaatti qullaa’uu isaa malee osoo isatti bitaachawuu hin arginu( Isaayaas 6).

Dhufaatii Muhaammadiin waggoota dhibba-ja’aan(600) dura ergamaan Jibiriil gara Maariyaamitti ergamee ture(Luqaas 1:26-38). Kutaa kana keessatti ergamichi dubbii isaa nagaadhaan akka eegale; Maariyam immoo nagaa sana irraa kan ka’e akka naate; ergamichis hin sodaatin jedhee akka ishee jajjabeesse; ergaa isa dhufeefis hafuura tasgabbiiadhaan akka isheetti dubbate; isheenis naasuu irraa tasgabb ooftee, gaaffii akka isa gaafattee fi ergamichis mallattoo Waaqayyo biraa ergamuu isaatii akka  itti dubbate ni argina. Haasawaan isaanis rakkoo kan qabu hin turre. Maariyaam jalqaba irratti kan naate yoo ta’ellee, ergamichi ishee jajjabeesse malee ishee hin dhiphifne- umnaanis ishee hinqabne. Iheen immoo tasgabbaa’uu irrayyuu dabartee akka jecha kee naaf haa ta’u jechuudhaan addaa-adda ba’an.

Kunis gara Muhaammad kan dhufe ergamicha Jibiriil erga ta’ee, maaliif akkaataa Maariyaamitti dhiyaatetti Muhaammaditti hin dhiyaatne?dhiyeenyi isaa maaliif jijjiirame? Maaliif eenyummaa isaa, eessaa akka dhufee fi ergaa maalii fidee akka dhufe itti beeksisuudhaan; yeroo inni sodaatu immoo isa jajjabeessuu dhiise? Maaliif Muhaammadiin hanga hudhee qabutti ga’e? Maaliif  isa dhiphise? Maaliifis isa naasisuudhaan holqa sana keessaa akka inni fiige ba’u taasise? Maaliifis hanga inni akka nama maraatee ta’utti nagaa fi tasgabbii isa dhowate?

Yeroo ergamaan Allaa dubbatu dhaga’ee Jaabiir Biin Abdallaan akka dubbatetti “ Osoon karaa irra adeemuun sagalee dhaga’e. Gara samiittis ol jedhee yeroon ialaaletti kunoo ergamaan inni Holqa Hiiraa keessatti natti mul’ate  samii fi lafa gidduu teessuma kaa’atee taa’ee ture. Kana iraas kan ka’e sababiin na’eef gara haada-manaa kootti ol galeen “ ucuudhaan na dhoksaan” ittiin jedhe. Isaanis na dhoksan..”( Saahii A-buhaarii jildii 6ffaa kitaaba 60ffaa lakkoobsa 448).

Shaakala raajotni darban warren Waaqayyo fi ergamoota waliin dubbataniiru, wal arganiiru  jedhaman kan hin beekne, Muhaammad garuu simannaa inni wanta isatti mul’ate sanaaf taasise, soda fi nagaa dhabuu isaa yeroo ialaallu akkamittiin inni gara Muhaammad dhufe hafuura Waaqayyooti jechuu dandeenya?

Mul’atni  Muhaammad  yeroo  hunda  fedhii fi hawwa isaa qofaaf akka ta’e, kan isa taajjabde   haat-manaa isaa Aayishaan iyyuu akkas jechuudhaan ture kan isheen ibsite         “Gooftaan kee fedhii fi hawa kee guutuudhaaf jarjara”(Saahii Al-Buhaarii jildii 6ffaa kitaaba 60ffaa lakkoobsa 311)  .

Muhaammad haadha-manaa mucaa ofii isaatii guddise  yeroo fuudhuu barbaadetti Suura 33:37 waaqa irraa gad naaf bu’eera jedhe. Yeroo dubartii afur(4) fuudhuu barbaadetti immoo Suura 33:50 naaf bu’e jedhe. Akkasumas yeroo dubartoota isaa keessaa Saawudaa akka addaatti ilaaluu barbaades Suura 4:128 naaf bu’ee jedhe. Kutaa Quraana Muhaammad kanneen kana fakkaatan  isa haqni keessa hin jirre kana  ilaaluudhaan attamittiin Quraanni Waaqayyo isa nama wal hin caalchifne bira dhufe jechuu dandeenya?

Muhaammad kutaa Quraanaa tokko-tokko kan inni waaqa irraa gad naaf bu’e jedhe,  erga namootni kan biroon dubbisuudhaan yaada itti kennaniin booda akka ta’e yeroo dubbifnu immoo- yaad isa inni Quraanni waaqa irraa gad naaf bu’e jedhe sana gatii dhabsiisa.

Bulchaa mootummaa Islaamummaa isa lammaffaa kan ta’e Umer(Kaaliif) dhimmoota sadii irratti jechi Allaa akka bu’uuf Muhaammadiin erga akeekkachiiseen booda Muhaammadis Allaa biraa gad-naaf bu’e akka jedhe Hadisii irratti barreeffamee argina:-

1, Kaabaa inni Makkaa keessatti argamu bakka kadhatnaa akka ta’u(Suura 2:125)

2, Dubartootni Muhaammadii fi walumaa-galatti dubartootni hundumtuu akka haguuggatan/ Hiijaab akka uffatan abboomuu(Suura 24:30-31,33:59, 33:53)

3, Akkasumas immoo yoo Muhaammad dubartoota isaatti gadduudhaan osoo isaan bira hin ga’in ji’a  tokko yoo ture “ Gooftaan isaa dubartoota isaan  irra caalan kennuuf danda’a” Suura 66:5; Saahii Al-buhaarii jildii 1ffaa kitaaba 8ffaa lakkoobsa 395,  Saahii Al-buhaarii jildii 6ffaa kitaaba 60ffaa lakkoobsa 10 fi 313, akkasumas  Saahii Musiliim kitaaba 031 lakkoobsa 5903) keessatti argachuun ni danda’ama.

Kutaa Hadisii kanatti fufee jiru keessatti immoo Muhaammad nama ija jaamaa tokko erga argee booda, kutaa Quraanaa isa duraan waaqa irraa gad naaf bu’e  jedhee tureef yaada  isa fooyyessutu  naaf dhufe  jechuu isaa argina. 

Zaayid bin Taabit:-Nabiyyuun akka inni barreessuuf Zaayiditti yeroo himu “ Amantootni warri mana isaanii ta’an, warra Allaaf lolan waliin wal-qixa miti” Zaayid itti fufuudhaan ‘ yeroo Muhaammad yaada kana na barreessisiisu Iibin um Maaktuum dhufee ‘ Yaa ergamaa Allaa ! umna osoon qabaadhe ta’e, Allaaf nan lolan ture’ jedhe. Kana kan inni jedheefis jaamaa waan tureefiidha. Battaluma sanatti waa’ee kanaatiif jecha yeroo Allaan ergamaa isaatiif Quraana gad buusu, miilli ergamaa Allaa  miilla koo irra waan tureef, ulfaatinni isaas  waan dabalaa dhufeef,  miilli koo waan na caccabe natti fakkaatee ture. Sana booda Allaan yaada kanatti fufee jiru ibse “ Namoota qaama hir’uu irraa kan hafe”kan jedhu dubbate(Suura 4:95,Saahii Al-Buhaarii jildii 6ffaa kitaaba 60ffaa lakkooobsa 116 akkasumas lakkoobsa 117-118 fi Saahii Al-Buhaarii jildii 4ffaa kitaaba 52ffaa lakkoobsa 85).

Muhaammadii fi hordoftootni isaa waa’ee madda Quraanaa yeroo dubbatan “ Quraanni akkaata lamatti waaqa irra akka gad bu’etti ibsu:- Inni jalqabaa gabatee-walitti qabataadhaan ji’a Ramadaan keessa, mana Liqinaawu isa gara samiitti dhiyoo jiru keessatti halkan isa guddaatti  Jibiriiliif gad bu’e. Toorri kitaabichaas akkuma kanatti ture.

Inn lammaffaan immoo  waggoota 23 keessatti akka barbaachisummaa isaatti karaa Jibiriil nabiyyuu Muhaammadiif kan kennameedha”( Quraana qulqulluu  mana maxxansaa Nejaash Addis Ababaatti kan maxxanfame:- Maxxansi jalqabaa 1961, Maxxansi lammaffaan 1997, Maqidim lakkoobsa 8ffaa). Ragooleen armaan olitti ilaalle yaada  isa Quraanni gabatee waaqa irra jiru  irraatii gad bu’e  isa jedhu kan shakkii keessa galchuu dha.

Muhaammad waliin  Holqa keessatti wal arguudhaan waggoota 23 iif  Quraana gad isaaf buusa humni ture, Waaqayyo biraa ta’uu  isaa  Muhaammad kan shake qofa osoo hin taanee, kutaan Quraanaa Muhaammad gad naaf  bu’e  jedhuyyuu  fedhaa  fi  hawii isaa qofa  kan calaqqisiisuu fi erga namootni kan biroon yaadaa fi ilaalcha  mataa  isaanii itti  kennaniin booda  waaqa  irraa gad naaf  bu’e  jechuun  isaa  baay’ee  kan nama dinquu dha.

I, Xinqolaa fi xibaaraan miidhamaa turuu Muhaammad

Macaafni qulqulluu xiqolaa fi xibaarri namoota Waaqayyoo isa dhugaatti amanan irraatti akka hin hojjetne dhugaa ba’a( Seera Lakkoobsaa 23:23, Luqaas 10:17-20).

Kutaa Hadisii armaan gadii keessatti xinqolaa fi xibaarri Muhaammad irratti hojjetamuudhaan, waan godhu hanga wallaalutti akka inni ga’ee ture nutti dubbata. Dubartoota isaa wajjin  illee  osoo hin ciisin  waan isaan waliin ciise itti fakkaachaa ture.

Akka Aayishaan jettetti:- “Xinqolaan ergamaa Allaa irratti waan hojjetameef, osoo dubartoota isaa waliin hin cisin  waan isaan waliin saal-quunnamtii taasise itti fakkaachaa ture”( Saahii Al-buhaarii jildii 7ffaa kitaaba 71ffaa lakkoobsa 660-661 fi 658,  Saahii Al-buhaarii jildii 4ffaa kitaaba 53ffaa lakkoobsa 400).

Kutaalee Quraanaa armaan gadii keessatti hojjettootaa fi hordoftoota Muhaammad  Seexxannii fi hojiin seexanaa isaan miidhuu akka hin dandeenye dubbata.

Suura 16:98-100tti  yeroo Quraana dubbiftutti abaaramaa isa ta’e seexana irraa of-eeggadhu; Inni warra amananii fi gara gooftaa isaaniitti warra siqan irratti aboo hin qanu. Aboon isaa isaaf waarra ajijamanii fi deggertoota isaa qofa irratti kan hojjetuudha, Akkasumas Quraana Suura 20:65-70 dubbisaa.

Kutaan Quraanaa kun  dhugaa  erga ta’ee  , maaliif  Muhaammad  xinqolaa fi xibaaraan miidhamaa ture? Waaqni Muhaammad  waaqessu dhugaa erga ta’ee   maaliif  hanga  Muhaammad  waan  godhu  wallaalutti  callisee isa ilaale? Muhaammad dhugaadhaa fi amanamaa kan ture yoo ta’e immoo attamittiin Allaan salphina akka kanaatti dabarsee isa kenna? Gaaffiin ka’uu qabu inni kan biraan immoo Muhaammad namni yeroo tokko keessatti ofii isaa wallaalee ture; attamittiin jecha inni Quraanni Waaqayyo biraa gad naaf bu’e jedhee  dubbatu kana amanamummaa /dhugaa qaba jetnee fudhachuu dandeenya?.

J, Raajii Muhaammad kanneen hin raawwatamin

Seera Keessa deebii 18: 20-22 keessatti raajiin osoo ani itti hin dubbatin dubbatu /maqaa waaqa biraatiin raajii dubbattu haa ajjeefamau. Yaada keettis isa Waaqayyo biraa ta’e attamittiin beekuu dandeenya kan jettu yoo taate- Raajiin sun dubbatee yoo raawwatmuu dhiise; dubbii sana Waaqayyo hin dubbatne; Raajichuma sanatu ija jabummaadhaan  dubbate waan ta’eef isa hin sodaatin.

Mee kanatti fufuudhaan immoo raajii Muhaammad dubbatee  Quraanaa fi Hadisii keessatti barreeffamanii jiran haa ilaallu:-

Quraana Suura 48:27 “ Yoo Allaan abjuu ergamaa isaatii dhugaa taasise, Allaan kan fedhu yoo ta’e; naamusa godhattanii,  mataa keessan aaddachuudhaan, gabaabsachuudhaan, akkasumas kan hin sodaatne yoo taatan; Masgiida ulfina qabeessatti  ol seenuu dandeessu isa jedhe dhugaa taasiseeraaf.”

Raajiin armaan  olitti ilaalle kun akka raawwatamuuf, Muhaammad  mirga ofii isaa dhiisuudhaan waaqeffattoota waaqa-tolfamaa kan ta’an warra Makkaa waliin waliigaltee  “Wallgaltee  Hudaayibiiyaa”  isa jedhame mallatteessuutu irraa ture.  Walii galtee kana keessatti waaqeffattoota waaqa-tolfamaa makkaa keessaa  warra gara Islaamummaa dhufan deebisuuf waliigaluu irrayyuu darbee; maqaa ulfinaa isaatii isa ergamaa Allaa jedhameyyuu galmee sana irraatti akka hin gargaaramneef walii galee ture.

Al Miiswaar Biin Maakraahiimaa fi Maarwaan akka jedhanitti:- “ Muhaammadii fi duuka-buutotni isaa gara Kaabaa akka hin seenneef yeroo warri Makkaa dhorkatanii turan; ergamaan Allaa ‘ As kan dhufne eenyuun iyyuu loluuf osoo hin taane Umraa raawwachuudhaaf dhufne’isaaniin  jedhe. Suhaayil  namni jedhamu immoo deebisee ‘Walii galtee nagaa waliif mallatteessuu qabna’ jedhe. Muhaammadis barreessaa isaa waamuudhaan ‘ Maqaa Allaa isa gara-laafessaa fi araara qabeessa ta’een jedhii barreessi’ jedhe. Suhaayilis immoo deebisee ‘ Gara laafessa inni ati jettu naaf hin galu yoo ta’eyyuu akkuma duraan barreessaa turtetti Yaa Allaa maqaa keetiin jedhii barreessi’ ittiin jedhe. Nabiyyuu Muhaammadis “ Waligalteen nagaa kun kan ta’u ergamaa Allaa Muhaammad wajjin kan ta’uu dha”. Suhaayilis deebise “ Osoo ergamaa Allaa taatee jiraattee Kaabaa(Bakka teessuma dhagaa gurraachaa) do’achuu irraa si hin dhowinu turre; si hin lolluus turre. Kanaafiyyuu Mahaammad Biin Abdallaa jedhii barreessi” ittiin jedhe. Nabiyyuu Muhaammadis “ Isin yoo kan hin amanne ta’ellee ani ergamaa Allaati. Mahaammad Biin Abdallaa jedhii barreessi”. Sana booda Suhaayil “ Nu keessaa gara keessan kan dhufan amntii keessan kan hordofan yoo ta’anillee akka nuuf deebiftan isin gaafatna”(Saahii Al-Buhaarii jildii 3ffaa kitaaba 50ffaa lakkoobsa 891).

Museen  Israa’elin bittaa garbummaa waarra Misiras(Egypt) jalaa  walaba baasuudhaaf  gaaffii Fara’ooniif harka kenneera? Yesuus Mana qulqullummaa warra Yihudootaa lixuudhaaf Masiyii ta’u isaa ganeera?  Raajotni dhugaan warri Waaqayyo biraa ergaman; wanti Waaqayyo isaanitti dubbate akka raawwatuuf jecha, Karaa ofii isaanii irra adeemuudhaan, warra hin amane wajjin waliif galuudhaan, obbolootaa fi obboleettota harka warra hin amanneetti dabarsan  kennaniiru?

Inni kabiraan immoo Muhaammad Konistaantiinopil mo’amee umurii  ji’a torbaa(7) keessatti Dejaal kan jedhamu mormituun Kiristoos akka dhufu  raaji dubbatee ture( Sunaan Abu Daawud Kitaaba 37ffaa lakkoobsa 4281-4283). 

Akka lakkoobsa addunyaatti bara 1453tti  erga Konistaantinoopil mo’amee; ji’a torab qofa osoo hin taanee jaarraan shaniyyuu(5) darbeera- hanga har’aatti garuu Dajaal hin dhufne. Akka kanatti raajiin Muhaammad dubbate akka hin raawwatamin, wanta qabatamaas akka hin taane irraa hubatna. Kun immoo raajii sobduu isa taasisa. Egaan raajin tokko raawwatamuun isaa qofti raajii dhugaa kan nama taasisu miti yoo ta’ellee, raajiin hin raawwatamin hafe tokko garuu namni  raajii sana dubbate raajii  sobaa ta’uu  isaa kan mirkaneessaniidha.

GOOLABA

Egaan walumaa galatti Muhaammad raajii dhugaadhaa gaaffii jedhuuf deebii kennuudhaaf barsiisa isaa, sakkoo / naamusa  jireenya hafuuraa  isaa,  fi raajilee inni dubbate akka raga  armaan olitti dhiyeessinetti qorree  ilaalleera. Muhaammad Quraanni Caaffata qulqullaa’aa dhufaatii Quraanaa  dura turan kan mirkaneessuudha yeroo jedhu; waa’ee ofii isaatii immoo garuu  “Ani isiniif  fakkeenya mudaa hin qabne waanan ta’eef ana duukaa bu’aa” jedha. Barsiifni Muhaammad kanneen Quraanaa fi Hadisii keessatti argamu  hundi Caaffata qulqullaa’aa isa dura tureen kan mormuu fi, fedhaa fi hawa Muhaammadii  kan raawwachisaniidha. Muhaammad waaqolii tolfamoodhaaf sagadeera, isaan waaqesseeras; hordoftootni isaas akkas akka godhan barsiiseera, wanta dhugaa hin ta’in barsiiseera, sagaagalummaa raawwateera, waa’ee guyyaa dhumaas wantoota sirrii hin taane barsiiseera, namoota isaan mormanis ijaa baafateera, ajjeeseeras; xibaaraa fi xinqolaadhaan hubameera, akkasumas raajii hin raawatamin hafe dubbateera. Sababoota armaan olitti dhiyaatan kana irraa kan ka’e Muhaammadiin akka raajii dhugaa waaqayyo biraa ergameetti fudhachuun kan ulfaatuudha. 

 

Yaadannoo miil-jalee(Foot Notes):-

  • Kutaaleen Hadisii as keessatti itti fayyadamne:-Yuunversiitii Kaalifoorniyaa Kibbaa(University of Sothern California, CRCC Center for Musilim-Jewish Engagement Resources Religions Texts) http://www.usc.edu/schools/college/crcc/engagement/resources/texts
  • Macaafa Qulqulluu- bara 1962 mana Maxxansaa Birhaanina salaamiin Waldaa Macaafa Qulqulluu Itiyoopi’aatiin(Etiopian Bible Society) kan qophaa’e.
  • Quraana qulqulluu, Mana Maxxansaa Naajaash, Addis Ababa,Maxxansa jalqabaa 1961 maxxansa lammaffaa 1997